Dhaabbileen Miidiyaa Amantaa hojii tokkummaa cimsan irratti hojjechuu qabu jedhame.

51

Hagayya 25/2014(TOI) - Dhaabbileen Miidiyaa Amantaa hojii tokkummaa cimsan irratti hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Midiyaalee Itoophiyaa hubachiise.

Mariin mata duree dhaabbileen miidiyaa amantaa duudhaa tokkummaa cimsuuf jedhuun geggeefamaa jira.

Marii kanarratti deetaan ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deesisaa, abbootii amantaafi bakka buutonni miidiyaalee hirmaachaa jiru.

Daarektarri Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa obbo Mahaammad Idiris akka jedhanitti dhaabbileen miidiyaa amantaa ijaarsa guddina dhalootaafi nageenya biyyaarratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabu.

Miidiyaaleen tokko tokkorratti hojiin garaagarummaa babbal'isan mul'achaa jiraachuu himanii, kun immoo biyyaaf bu'aa hin qabu jedhaniiru.

Dhaabbileen amantaa siyaasa irraa bilisa ta'uun barsiifata amantaa isaanii qofaarratti xiyyeeffachuu akka qaban eeraniiru.

Dhaabbileen miidiyaa amantaa mana maree hundeeffachuuf hojiin dhaabbileen amantaa jalqaban kan jajjabeeffamudha jedhaniiru

Hogganaan Yaa'ii dhaabbilee amantaa Itoophiyaa qeesis Taagay Taaddalaa gama isaanii dhaabbileen amantaa duudhaa wal kabajuu jiru kabajuu qabu jedhaniiru.

Yaanni nuhiifi isaan jedhu jiraachuu hin qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015