Meeshaaleen kontiroobaandii qarshii miiliyoona 81.5 tti tilmaamamu to'atame - ENA Afaan Oromoo
Meeshaaleen kontiroobaandii qarshii miiliyoona 81.5 tti tilmaamamu to'atame

Hagayya25/2014(TOI) - Meeshaaleen kontiroobaandii qarshii miiliyoona 81.5 tti tilmaamamu qabamuu Komishiniin Gumurukaa beeksise.
Komishinichi hordoffii taasiseen Hagayya 13-19 bara 2014tti meeshaalee kontiroobaandii daldalaa galii qarshii miiliyoona 74.9 fi kontirobaandii daldala alaa qarshii miiliyoona 6.5, walumaagalatti meeshalee qarshii miiliyoona 81.5 tilamaamaman qabuu ibseera.
Meeshaaleen kunneen dameelee komishinichaa garagaraatti to’atamuu ibsuun, waajjiraaleen Dirree Dhawaa, Adaamaafi Hawaasaa adda duree ta’uun eerameera.
Meeshaaleen to’ataman kunneenis uffannaalee, beeyladoota, elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattoota, meeshaalee fayaafi waraanaa, jimaa, baala sammuu adoochu, zayitii nyaataafi maallaqa biyyoota garagaraa ta’uun eerameera.
Walta’iinsa qaamolee nageenyaa, hojjettootaafi eeruu hawaasaan kan to’ataman meeshaaleen kunneen, shakkamtoonni yakkicharratti hirmaatan lamas to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.