Haala yeroo irratti ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname! - ENA Afaan Oromoo
Haala yeroo irratti ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname!

Humni shoroorkeessaa TPLF waggoottan aangoo irra turetti tokkummaa biyyaa
diiguu, ummattoota wal nyaachisuuf shira hin xaxne, summii jibbinsaa inni hin
facaasne hin turre.
Ergama diinota biyya keenyaa galmaan gahuuf ummattoota Itoophiyaa sabaafi amantaan qoqqoodee wal nyaachisaa tureera. Duudhaalee waloo tokkummaa biyyaa ta’an diiguuf tattaaffii inni taasisaa salphaa hin turre.
Saamichi diinagdees akkanuma. Yakka seenaa keessatti dhiifama hin qabne Itoophiyaa irratti
raawwate.
Hundaa ol ammoo seenessa diinummaa babal’isan diriirsuun Itoophiyaa akka
salphaatti diiguuf akka isaa tolu ummattoota obbolaa waliin kufanii ka’anii Itoophiyaa ijaaran ummata Oromoofi Amaaraa ibiddaafi cidii walitti taasisuuf tarsiimoo boce.
Tokkoon dhiphaa kaaniin ammoo oftuulaa jechuun moggaase.
Saboota lameen gidduutti wal shakkii uumee qoqqoodee bulchuu akka tooftaatti itti
dhimmaa bahaa ture. Kisaaraa isaanii keessatti bu’aa argachaa ture.
Kana qofa osoo hin taane humni shoroorkeessaa TPLF ummattoota Oromoofi Soomaalee bara dheeraa Afaan, Aadaafi duudhaa waliin jireenyaa qooddatanii tokkumaan waliin jiraatan wal nyaachisuuf tooftaa boceen ummata Oromoo miiliyoona tokkoo ol ta’an jiruuf jireenya isaanii irraa buqqise hammeenya daangaa hin qabne mul’ise, tokkummaa biyyaas rakkoo irraa buusee ture. Haa ta’u malee bu’uurri tokkummaa biyya keenyaa cimaa akkasumas duudhaaleen waloo ummattoota Itoophiyaa jabaa waan ta’eef shira wayyaanee dandamatee, tooftaa qoqqoodanii bulchuu inni diriirse ofirraa darbuun samii Itoophiyaa jalatti bilisummaa, walqixxummaa obbolummaafi
tokkummaa sabdabneessa dhugoomsuun danda’ameera.
Humni olaantummaa bare walqixxummaa akka cunqursaatti fudhata akka jedhamu,
gareen shoroorkeessa TPLF walqixxummaa balfee Itoophiyaa diiguudhaaf
dhaadate.
Ergama diinota biyya keenyaa fudhachuun naannolee Amaaraafi Affaar
irratti kallattiin weeraruun lubbuu namoota nagaa gaaga’e, miiliyoonota qe’ee
isaanii irraa buqqise, qabeenya biiliyoona hedduutti tilmaamamu mancaase
baadummaa isaa mirkaneesse. Karaa Baha Itoophiyaa Al-shabaab waliin walitti
hidhachuun, Oromiyaa keessatti garee shoroorkeessaa Shanee bobbaasuun,
naannolee akka Benishaanguliifi Gaambeellaa keessatti fakkaattota isaa bobbaasuun
Itoophiyaa nagaa dhorkuun adeemsa keessa ammoo diiguuf dhagaa inni hin
fonqolchine, boollaa in hin qonne hin turre. Garuu duudhaa gootummaa waloo
ummattoonni Itoophiyaa seenaa keessatti gabbifatan kaayyoo humna
shoroorkeessaa TPLF qabatee ka’e fashaleesuu danda’eera.
Humni Shoroorkeessaa walitti bu’insaafi waraana malee jiraachuu TPLF, waamicha
waldhabdee karaa nagaan furuuf mootummaan federaalaa taasise cinaatti dhiisee weeraraafi gochoota gara jabeenyaa naannolee Amaaraafi Affaar keessatti
raawwachaa jiru Mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee balaaleffata.
Ummanni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa akkuma kanaan duraa wareegama
barbaachisaa ta’e kaffalanii birmadummaa biyyaa tiksan har’as ummattoota Amaaraafi Affaar waliin ta’uun wareegama hunda kaffaluun birmadummaa biyyaa
kabachiisuuf qophii ta’uu ta’uu ibsuu feena.
Hawaasni idil-addunyaas gocha humni shoroorkeessaa TPLF dambalii ummataa
akka tooftaa waraanaatti itti dhimma bahaa jiru balaaleffachuu qofa osoo hin taane
daandii nageenyaa Mootummaan Itoophiyaa dhiyesse akka fudhatu dhiibbaa
barbaachisaa ta’e irraan gahuun gargaggoota Tigraay dhumaatii irraa baraaruu
keessatti qooda isaanii akka taphatan waamicha dhiyessina.
Gareen shoroorkeessaa kun gocha badii garajabummaan guutame irraa of qusatee daandii nagaatti deebi’uu
baate tarkaanfii mootummaan federaakaa dirqama nagaafi tasgabbii lammilee
mirkaneessuuf akkasumas tokkummaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fudhatu
hunda Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisaa ta’e kan kennu
ta’uu irra deebini ibsa.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Hagayya 22/2014
Finfinne