Gareen shororkeessaa ABUT filannoo karaa nagaa dhiisuun waraana jalqabe cimsee itti fufeera.

60

Hagayya 21/2014(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT filannoo karaa nagaa dhiisuun waraana yeroo sadaaffaf biyya keenya irratti bane cimsee itti fufeera.

Garichii daandii nagaa baname dhiisuun humna qabu maraan waraanaaf qophaa'aa turuun ni beekama.

Ammas adda waraanaa adda addaan haleella baneen lammilee dhama'atanii jiraatan irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachaa jira.

Mala waraanaa yeroon irraa darbee nama hedduu waraanatti callisee hirmaachisuun ijoollee guddatootaafi dargaggoota kumaan lakka'aman waraanatti ofuun ficisiisaa lammilee nagaarratti immoo haleellaa raawwachuu itti fufeera.

ABUT akkum kanaan duraa humna qabu walitti qabee gochaa gara jabummaa ajjeesuu, buqqisuu, qabeenya barbadeessuu, bu'uuraalee misoomaa mancaasuufi kanneen biroo naannoo daangaa Amahaaraa fi Affaaritti raachaa jira.

Filannoon rakkoo jiru karaa nagaan furuuf mootummaan diriirse akkum jirutti ta'ee, gootichi Raayyaan Ittisa Biyyaa haleellaa bal'aa gareen shororkeessaa kun bane gahumsaan qolachaa jira.

Hagayya 21,2014 Finfinnee

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015