Tamsaasa Kallatti:

Dirree Dawaatti warshaan omishaafi raabsaa oksijiini eebbifame

Hagayya 17/2014(TOI) - Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti warshaan omishaafi raabsa oksijiinii qarshii miiliyoona 50’n ijaarame eebbifame.

Warshichi ‘Kompileeksii Indastiriyaalii Ye’aabii’n kan ijaarame magaalattiif warshaa oksiijiinii jalqabaati jedhameera.

Warshichi guyyaatti siliindarii oksijiinii 520 omishuu akka danda’uu ibsameera.

Sirna eebba warshichaarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Obbo Kadiir Juhaar, warshichi magaalichatti ijaaramuun hanqina oksijinii jiru kan hambisuudha jedhaniiru.

Duraan oksijiinii argachuuf hanga Finfinneetti akka imalamaa ture yaadachisanii, warshichi naannawichattii hundaa’uun qisaasama baasiifi humna kan hambisuudha jedhaniiru. DhPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015