Tamsaasa Kallatti:

Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala rifaraala Gobbaa tajaajila yaala fayyaa bilisaa buqqaatotaafi harka qalleeyyiif kennaa jiru.

Gobbaa , Hagayya 17/2014(TOI) - Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala rifaraala Gobbaa bilisaan tajaajila yaala fayyaafi Qorannoo lammiilee qe'eefi qabeenya isaaniirra buqqa'anii Godina Baalee aanaalee Dalloo mannaafi Harannaa qabutanii jiraniif kennaa jiru.

Hojii geggeessaan olaanaan Hospitaala Rifaraala Goobbaa Doktor Jeylaan Qaasim akka jedhanitti Hospitaalichi tajaajila yaala fayyaa si’ataa hawaasaf kennuuf carraaqqii taasisaa jira.

Ogeeyyiin fayyaa Ispeeshaalistootaa ta'aniifi doktoronni yaala fayyaa waliigalaa Hospitaalichaa Ogeessota fayyaa sadarkaan jiran waliin tahuun hojii tajaajila fayyaa foyyee qabu hawaasaan gahuuf carraaqqi jabaa gochaa jiraachuus eeraniiru.

Hojii tajaajila fayyaa karaa idileetiin Hospitaalicha keessatti kennaniin cinaatti lammiilee dhaabbilee fayyaa irraa fagaatanii haala rakkisaa keessa jiran karaa tajaajila hawaasaa bilisaatiin bira gahaa jiraachuus himan.

Doktor Jeylaan akka jedhanitti Hospitaalichi tajaajila fayyaa hawaasaaf kennu daran fooyyessuuf hujii ijaarsa babal’isuu Hospitaalichaa irratti xiyyeefannoon hojjachaa jiraachuus eeran.

Ijaarsi gamoo Hospitaalichaa abbaa darbii sadeetii ijaaramaa jiru dhibbentaa 92 irra gahuu kan himan Doktor Jeylaan Hospitaalicha meeshaalee fayyaa hammayyaatiin guutuu keessatti hunduu akka tumsuufis gaafatan.

Hoospitaalichatti daayrektarri kiliinikaalaa Doktor Alem Makkataa gama isaaniitiin tajaajilli fayyaa haakimoota Hospitaalichaatiin kennamaa jiru qaamuma tola ooltummaa sadarkaa biyyaatti torban tokkoof labsamee tahuu himan.

Turtii isaanii keessatti haakimoonni dhukubsattoota calaluu, yaala fayyaa kennuufiif kanneen qorannoo dabalataa barbaadan gara hoospitaalaatti akka ergaman kan taasifamu tahuu himan.

Tajaajila yaala fayyaa bilisaa ogeessota Hospitaala Rifaaraala Goobbaatiin geeggeffamu kanaan namoonni kuma tokko ta'an fayyadamoo ni tahu jedhamee karoorfamuus eeran.

Tajaajila yaala fayyaa “tola ooltummaa fayyaa keennaaf” mata duree jedhuun geeggefamaa jiru kanarratti Ispeeshaalistoota,Hakimoota walii galaa dabalatee ogeessota fayyaa ogummaa gara garaa qaban 19 tahan hirmaachaa jiraachuu himan.

Haakimoonni tajaajila lamummaa kanarratti hirmaatan akka jedhanitti boqonnaan haakimoota dhukubsataa tajaajiluun tahuu himuun namoota haala rakkisaa keessa jiran qarqaaruun ammo ergaa isaa adda godha kanaaf hedduu gammannee jira jedhan.

Tajaajilamtoonni aanaalee lamaanii gama isaaniitiin haakimoota Hoospitaala Rifaaraala Goobbaa fageenyi osoo isaan hin daangessin haala rakkisaa kana keessatti nubira gahuun tajaajila fayyaa nuuf kennaniif galata guddaa qabna jedhan.

Miidhama hanqina nyaataa nuuf ilmaan keenna mudateef hunduu nuuf haa birmatu ergaa jedhus dabarfatan.

Sadarkaa biyyaalessatti ministeerri fayyaa tajaajila fayyaa tola ooltummaa hagayyaa 16 hanga 21 turu kanaan namoonni kuma 100 tahan tajaajila ni argatu jedhamee akka eegamu ibsamuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015