Naannoo Oromiyaarratti bara bajataa kanatti lammilee miliyoona 2.5'f caarraa hojii uumuuf karoorfameera. - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaarratti bara bajataa kanatti lammilee miliyoona 2.5'f caarraa hojii uumuuf karoorfameera.

Hagayya 17/2014(TOI) - Naannoo Oromiyaarratti bara bajataa kanatti lammilee miliyoona 2.5'f caarraa hojii uumuuf karoorfamuu biiroon Carraa hojii uumuufi Ogummaa beeksise.
Mariin carraa hojii uumuu naannichaarratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti geggeeffama jira.Walatajjii kanarratti sadarkaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastera magaaloota Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon, abbootiin qabeenyaafi kantiiboonni magaalootaa argamaniiru.
Hogganaan biiroo Carraa uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Ahimad Indiriis bara 2014tti Oromiyaatti lammilee miliyoona 1.6 ta'aniif carraa hojii uumameera.
Kanneen keessas miliyoonaa 1.3 kan ta'an dhaabbiin carraan hojii kan uumameef ta'uu himaniiru.
Lammileef carraa hojii uumuuf birrii biliyoona 3.2 liqaan kennuufi lafa gurmaa'anii irratti hojjetan heekataara 49 waldaalee maakiroofi xixiqqaa adda addaaf kennamuu himaniiru.
Bara bajataa 2015 lammilee miliyoona 2.5 ta'aniif carraa hojii uumuuf karoorfamuu himanii, abbootiin qabeenyaa naannichatti hojjetaniis carraa kana uumuu keessatti qooda guddaa akka bahaniif hojjetamaa jira jedhaniiru.
Karoora kana milkeessuuf hunduu ciminaan hojjechuu akka qabu obbo Ahimad dhaamaniiru.