Bara bajatichaatti tajaajila fe'insa gogaa toonii miliyoona 7.9 kennuun danda'ameera jedhame

64

Hagayya 17/2014(TOI) - Dhaabbanni Tajaajilaa Gejibaafi Lojiistikii Galanarraa Itoophiyaa bara bajataa 2014tti tajaajila fe'insa gogaa toonii miliyoona 7.9 kennuu beeksiseera.

Hoji geggeessan olaanaa dhaabbatichaa obbo Roobaa Magarsaa raawwii hojii dhaabbatichaa kan bara 2014 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin bara bajataa darbe sababa weerara vaayirasii Koroonaan, Waraanaa Yuukireeniifi Ruusiiyaanfi sababoota biroon sadarkaa idil addunyaatti daldala irratti dhiibbaan adda addaa mudateera.

Keessaayyuu sochii daldala Xaa'oo biyyoo, Sibiila, Boba'aa, Qamadii, Boqqoolloo,Zayita suufiifi kanneen biroorratti dhiibbaan adda addaa umamuu himaniiru.

Kana keessa ta'uun Dhaabbanni Tajaajilaa Gejibaafii Lojiistikii Galanarraa Itoophiyaa tajaajila 'Shippingii', buufata doonii fi kanneen biroon bara bajataa 2014tti tajaajila fe'insa gogaa toonii miliyoona 7.9 kennuun danda'ameera jedhaniiru.

Tajaajilli fe'umsaa kun harka caalaan buufata doonii Jibutiitti kan kenname ta'uu himanii, karoora dhaabbatichaa keessaa harki 92 milkaa'uu obbo Roobaa Magarsaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015