Lammiilee biyya alaatti hojii akka qabsiisaniif dhaabbata kamiifiyyuu Xalayaa deeggarsaa hin barreessine ….. ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa

192

Finfinnee Ebla 15/2011 Lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota gara garaa keessatti hojii akka qabsiisaniif dhaabbata hojjataa fi hojjachiisaa wal quunnamsiisu kamiifiyyuu xalayaa hin barreessine jechuun ministeerri dhimma alaa biyyattii beeksise.

Ministeerichi kana kan jedhe dhaabbanni hojjataa fi hojjachiisaa wal quunnamsiisan tokko tokko biyya alaatti hojii ni qabsiifna jechuun ragaa dhimma alaa biyyattii irraa akka argatan fakkeessuun miidiyaa hawwaasaa irratti gadi dhiisaa jiraachuu isaaniitiini.

Dubbii himaan ministeera dhimma alaa obbo Nabiyaat Geetaachoo akka jedhanitti xalayaa mallattoo hoogganaa hin qabnee fi sobaa ta'e karaa miidiyaa hawwasaan gadi dhiifame kun ministeerri dhimma alaa biyyattii kan hin beekne fi eenyuun akka tamsa’es kan hin beekamne ta'uu tajaajila oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Ummannis xalayaan kun ministeera dhimma alaa irraa akka hin barreefamne beekee, rakkoo keessa akka hin galle of eeggannoo gochuu qaba jedhaniiru.

Ministeerrichi xalayaa deeggarsaa tokkollee dhaabata hojjataa fi hojjachiisaa quunnamsiisu  kamiifiyyuu akka hin barreessine dhaamanii, namoota yakka kana raawwatanii argaman barbaaduun seeratti akka dhiyeessanis himaniiru.

Xalayaan sobaa kar’a miidiiyaa hawaasaan tamsa’e kun dhaabbanni hojjataa fi hojjachiisaa quunnamsiisuu ministeera dhimma hawaasummaa irraa beekamtiin akka kennameef fakkeesuun seera qabeessa ta'ee hojjachaa akka jiru xalayaan sobaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’e kun ni eera.

Biyyoonni xalayaa sobaa kana irratti eeramanis ramaddii tokkoffaan Kanaadaa, Chaayinaa, Taayilaandii, Siingaapoor, Kaamboodiyaa, Awustiraaliyaa, Jaapaan, Kooriyaa kibbaa, Neepaal, Ameerikaa fi Hindi dha.

Ramaddii lamaffaan ammoo Jarman, Ingilaandi, Ayeerlaandi, Fiinlaandi, Turki, Siwiidiin, Faransaay, Ispeen fi biyyoota kan biroos irratti barreeffamee jira.

Dabalatanis xalayaa sobaa kana irratti namoonni biyya alaa yeroo deemuuf jettan dhaabbata kana maleen kan biroon deemtanii akka hin dogongorre waan jedhu of keessaa kan qabu dha.

Haa ta'u male Xalayaan kunis ta'e waan achi irratti barreefame hunda ministeerri dhimma alaa biyyattii kan hin barreessinee fi soba ta'uu ummanni beekuu akka qabu dhaamamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015