Ruusiyaan Itoophiyaatti nageenyaa waaraa fiduuf tattaaffii mootummaan Itoophiyaa karaa nagaa taasisaa jiru akka deeggartu beeksifte.

65

Hagayya 16/2014(TOI) - Ruusiyaan Itoophiyaatti nageenyaa waaraa fiduuf tattaaffii mootummaan Itoophiyaa karaa nagaa taasisaa jiru akka deeggartu beeksifte.

Waajjira Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa Ruusiyaa Itti aanaa daarekataraa Ishaan Nichaayevuu ibsa haala yeroo irratti kennaniin, hojii mootummaan Itoophiyaa nagaa waaraa fiduuf karaa nagaa hojjechaa jiru Ruusiyaan akka ciminaatti ilaalti jedhaniiru.

Keessaayyu tarkaanfii mootummaan kabaa biyyatiitti duree dhukaasaa dhaabuu gama isaan fudhate, labsii yeroo muddamaa kaasuu, Komishiinii maree biyyaaleessa hundeessuu, deggaarsi namoomaa haala fooyyee qabuun akka qaqqabu hojii hojjete Ruusiyaan hojii jajjabeessadha jettee fudhatti jedhaniiru.

Haala naannoon Tigiraay ilaalchisuun mootummaan rakkoon jiru karaa nagaan akka firamuufi furmaata hunda hirmaachisee waan gochaa jiru Itti aanaa Ministira Muummeefi Ministirri biyya alaa obbo Dammaqaa Mokonnin hawaasa dippilomaatiif ibsuu himaniiru.

Nagaa waaraa fiduuf, faayya'insa dinagdee taasisuu, haala dhiheessii deeggarsa namoomaa karaa sirriin foyyeessuu kan dandeessii daandii nageenyaa Mootummaan Ruusiyaa ni deeggarsa jedhaniiru.

''Rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaarraa'' yaada jechuun maree nageenyaa karaa Gamtaa Afrikaa geggeeffamu Ruusiyaan kan deeggartu ta'uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015