Dargaggoonni shira humnoota egeree Itoophiyaa balleessuuf tattaafatanii fashaleessuuf qabsaa'anii tokkummaa isaanii cimsuun ijaarsa biyyaa keesatti shoora isaanii bahu qabu

108

Hagayya 15/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Dargaggoonni shira humnoota egeree Itoophiyaa balleessuuf tattaafatanii fashaleessuuf qabsaa'anii tokkummaa isaanii cimsuun ijaarsa biyyaa keesatti shoora isaanii bahu qabu jedhan

Doktar Abiy kana kan jedhan yeroo dargaggoota kutaalee biyyattiirraa babba'an waliin mari'ataniittidha.

Waltajjicharratti dargaggoonni hirmaatan rakkoo bulchiinsa gaarii, hoji dhabdummaa, dhimma nageenyaafi haala yeroo biyyattiirratti gaaffii xiyyeeffatan gaafataniiru.

Dargaggoonni kunneen hojiiwwan misoomaa jijjiramaan booda hojjetaman daawwachuu himanii,egereen Itoophiyaa ifaafi badhaadhina akka ta'e hubanneerra jedhaniiru.

Gaaffii dargaggoonni gaafataniif deebii kan laataan Doktar Abiy Ahimad waggoota arfan darbaan Itoophiyaan qormaatawwan hedduu keessa dabartus milkaa'inoota hedduus argatteetti jedhaniiru.

Pirojeektota sadarkaa biyyaatti hojjetaman keessa Maaddii biyyaaf, Maaddii pirojeektoota Shaggariififi Daandiiwwan hojjetamanii xumuraman akka fakkenyaatti eeraniiru.

Pirojeektoonni kunneen dargaggootatti abdii kan horan waan ta'eef dargaggoonni tokkummaa isaanii cimsuun hojiiwwan misoomaafi nageenyaa jalqaban keesaatti gahee isaanii akka bahan gaafataniiru.

Hojiiwwan misoomaa jalqabaman cimsuun gaaffii misoomaa hawaasni qabu deebisuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Mootummaan bu'uura rakkoo bulchiinsa gaarii kan ta'e hattummaa ittisuuf karaa qindaa'aa ta'e hojii cimaa akka hojjetus eeraniiru.

Dargaggoonni shira humnoota egeree Itoophiyaafi dargaggootaa balleessuuf tattaafatanii fashaleessuuf qabsaa'anii tokkummaa isaanii cimsuun ijaarsa biyyaa keesatti shoora isaanii bahu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015