Dhaabbileen kaappitala miiliyoona 430 galmeessan 3 waliigaltee mallatteessan

51

Finfinnee, Hagayya 13/2014 (TOI) – Dhaabbileen biyyaa keessaa Kaappitaala Birrii Miiliyoonaa 430 galmeessan paarkiiwwan indaastirii keessattii dameewwan garaagaraarratti bobba’uuf Koorporeeshinii Misoomaa Paarkiiwwanii waliin waliigaltee mallateessaniiru.

Walgaltechis, Dhaabbata Oomisha Uffannaa fi Huccuuwwanii ‘Afiyaan’, warshaa zayiita Nyaata ‘Aliyaakiim fi ‘Panalii Kompoostii Aluuminiyaamii Doomen’ jedhaman waliin yoo ta’u Hojigaggeessaa Olaanaan Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Obbo Saandookaan Dababaa mallatteessaniiru.

Waliigaltecha ilaalchisuun Obbo Sandookaan akka eeranitti, mootummaan abbootii qabeenyaa biyyaa keessaa paarkiiwwan indaastirii keessattii bobba’anii akka hojjetaan xiyyeeffanaan hojjechaa jira.

Keessumaa abbootii qabeenyaa biyyaa keessa jajjabeessuuf, fooyyessa hojmaata taasiseen baatiiwwan lameen darban qofa abbootiin qabeenya afur paarkiiwwan indaastirii keessatti hojjechuuf waliigaltee mallateessaniiru jedhan.

Dhaabbilewn waliigaltechaa mallatteessanis oomishni isaanii sadarkaa qulqullinaa addunyaa guutuu fi ragaa mirkaneessa ga’umsaa kan qaban ta’uun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015