Ayyaanni guyyaa Saboota, Sablamootaafi uummatootaa aadaa walii walbarsiisuu bira darbee haala tokkummaa uummatootaa cimsuun kabajuuf qophiin taasifamaa jira.

50

Hagayya 13/2014(TOI) - Yeroo 17ffaaf kan kabajamuu Guyyaan ayyaana Saboota, Sablamootaafi uummatootaa Itoophiyss aadaa walii walbarsiisuu jira darbee haala tokkummaa uummatootaa cimsuun kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Af-yaa'iin mana maree Federeeshinii obbo Aganyoowu Tashaagar himan.

Qindeessummaa Mana maree Federeeshinii FDRItiin qopheessummaa naannoo Sidaamaatiin Sadaasa 29/2015 ayyaana guyyaa saboota,sablamootaafi uummatatoota Itoophiyaa ilaalchisuun mariin geggeeffameera.

Marii kanarratti Af-yaa'ii mana maree Federeeshinii obbo Aganyoowu Tashaagar, Af-yaa'iiwaan mana maree naannooleefi dhaabbileen dhimmi ilaallatu biroon hirmaataniiru.

Marii kanarratti wixineen karoora hojii ayyaana guyyaa saboota,Sablamootaafi uummatoota Itoophiyaa 17ffaa dhihaateera.

Ayyaannichi mata duree "Tokkummaa sab-daneessummaa nageenya waaraaf'' jedhuun akka kabajamu wixinee karooraa dhihaaterratti eerameera.

Marii kanareatti obbo Aganyoowu Tashaagar akka himanitti ayyaanichi hanqinoota ayyaanichi kanaan dura qabu furuun bal'inaan kabajama jedhaniiru.

Ayyaanni guyyaan Saboota, Sablamootaafi uummatootaa yeroo 17ffaaf naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti kabajamu aadaa walii wal barsiisuu bira darbee haala tokkummaa uummatootaa cimsuun kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuu obbo Aganyoowu himaniiru.

Kanaaf sadarkaa Federaalaa hanga naanno'eetti koreen qindaa'ee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015