Dargaggoonni Yunivarsiitiirraa eebbifaman beekumsa teeknooloojii akka qabaatan taasifamuu qabu

64

Ebla 14/2011 Gorsaan magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa ministira muummee obbo Jaanxiraar Abbaay dandeettii interpiraayizootaa guddisuuf dargaggoota Yunivarsiitotaa fi Kolleejjotarrraa eebbifaman beekumsa teekinooloojii fooyya’aa akka argatan taasisuun barbaachisaadha jedhan.

Ebla 14 hanga 19/2011 A.I kan adeemsifamu marsaa 2ffaan Baazaarii fi Egzibiishiniin biyyoolessaa moodela interpiraayizoota xixiqqaa biyyoolessaa Finfinneeti banameera.

Qophii kanarratti naannolee saglanii fi bulchiinsota magaalaa lamaanirraa kan dhufan interpiraayizoonni modeelotaa 195 ol hirmaataniiru.

Obbo Jaanxiraar sirna baniinsaarratti akka dubbatanitti lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman galii gadi aanaan turan interpiraayizoota xixiqqaan gurmaa’anii qabeenya horachuu eegalaniiru.

Interpiraayizoonni kun lammiileef haqaan itti fayyadamiinsa qabeenyaa mirkaneessuun hiyyummaa hir’isuuf ni gargaara jedhan.

Kanaafuu mootummaan carraa hojii uumuuf dursa kennuun kan hojjetuu ajandaalee misoomaa keessaa tokko ta’uu eeranii, yeroo itti aanuuf interpiraayizoota xixiqqaa babal’isuunii fi lammiilee hirmaachisuun ce’umsa warshaalee ariifachiisuuf ni hojjetama jedhan.

Gama albuudaan, misooma manneenii, shukkaara, elektiriifikeeshinii baadiyyaa, baaburaa fi karaan interpiraayizoonni kan irratti hirmaatan gurguddoo akka ta’e eeraniiru obbo Jaanxiraar.

Kanaafuu dargaggoota Yunivarsiitotaa fi dhaabbata ogummaa teknikaarraa eebbifaman beekumsa teknooloojiin badhaadhoo taasisuun barbaachisaadha.

Dargaggoonni kun ofitti amanamummaan hojii kan uuman akka ta’anii fi leenjii  ogummaa teknikaa fi hojii uumuutiin sadarkaa qulqullinaas fooyyessuuf hojiin itti aanu ni jira jedhaniiru.

Daayiraktarri olaanaan Ejensii carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa magaalota federaalaa obbo Zannabaa Kumaa bara kana dargaggoota baay’eef carraan hojii uumameera jedhan.

Kanaan interpiraayizota xixiqqaa fi giddu galeessaaf walitti hidhiinsa gabaa uumuuf Egzibiishinii fi Baazaarii karoorfatee yeroo lammaffaaf qophaa’uusaa beeksisaniiru.

Kanaan ji’oota saglan darban qofa interpiraayizoonni kuma 8 olitti hirmaatan Egzibiishinii fi Baazaariin qophaa’uusaa ibsaniiru.

Ji’oota saglan keessatti qofa interpiraayizootaaf walitti hidhiinsa gabaa birrii miiliyoona 1 tuqaa 7 oliin uumameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015