Damee 'Dinagdee Cuqiliisaa' caalaatti misoomsuun hangee damdamachuufi wabii midhaan nyaata mirkaneeffachuuf akka filannootti itti fayyadamuun ni danda'ama

63

Hagayya 11/2014(TOI) - Damee 'Dinagdee Cuqiliisaa' caalaatti misoomsuun hangee damdamachuufi wabii midhaan nyaata mirkaneeffachuuf akka filannootti itti fayyadamuun ni danda'ama IGA beeksise.

Waltajjiin qorannoo muuxxannoo waljijjiruu Dinagdee Cuquliisaa qabeenyaa Qurxummiirratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti geggeeffamaa jira.

Waltajjii qorannoo kanarratti bakka buutoonni biyyoota miseesa IGAD hundii hirmaachaa jiru.'Dinagdeen Cuquliisaa' qabeenyaawwan Haroo, Galaanaafi Garba akkasuma buufata doonii karaa ittifufinsa qabuun fayidaarra oolchuu jiddugala kan godhatedha.

Hogganaan Sagantaa eegumsa naannoofi misooma ittifunsaa IGAD doktar Isheetee Dahanee TOItti akka himanitti waltajjiin qorannoo kun biyyoonni miseentoota IGAD muuxannoo Dinagdee Cuquliisaarratti qaban akka waliif qoodan kan gargaarudha.

Biyyoonni miseensoota IGAD ta'an dinagdee Cuqulisaa kana misoomsuuf haala mijataa kan qaban ta'uus haga kana xiyyeeffannoo hin laanneef jedhaniiru.

Damee kanarraa caalaatti fayyadamaa ta'uuf kan dandeesisu geejibaan, Turiziimiin, Misooma qurxummiinfi kanneen biroon haala itti fayyadama Haroo, Galaanaafi Garbaa itti fufinsa qabuu uumuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.Knaafis tarsimoon qophaa'ee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan biyyoonni miseensoota IGAD Qurxummii horsiisuun hongee damdamachuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf akka filannootti itti fayyadamuu humna isaan dandeesisuu akka qaban himaniiru.Hubannoo kana cimsuuf midiyaaleen gahee isaanii bahuu akka qabanis gaafataniiru.

Deetaan ministira Qonnaa doktar Fiqiruu Raggaasaa gama isaanin Itoophiyaan laggeen fi haroowwan hedduu waan qabduuf Dinagdee Cuquliisaa kanaan misoomsuuf humna guddaa qabdi jedhaniiru.Kanaafis karoorri waggaa 10 qopha'ee hojiirra kan jiramu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015