Mooraa galama mootummaa Malkaasaafi Qooqaa keessatti qamadiifi xaafiin oomishamaa jira.

Hagayya 11/2014(TOI) - Naannoo Oromiyaa mooraa galma mootummaa kan Malkaasaafi Qooqaatti argamuu keessaatti Qamadiifi Xaafiin oomishamaa jiraachuu bulchiinsi galma mootummaa biyyaaleessaa beeksise.

Bara oomishaa kana lafa heektaara 160 ol irratti oomishinni adda addaa oomishamaa jiraachuu beeksiseera.Hojjetoonnii Wajjiraa Pirezidaantiifi bulchiinsa galma mootummaa biyyaaleessaa waliin ta'uun biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa kanaan biqiltuun Avookaadoo 2000 kan dhaabaman yoo ta'uu hojiiwwan misoomaa galma mootummaa Malkaasaafi Qooqaa keessatti hojjetamaa jirus daawwataniiru.

Bulchiinsa galma mootummaa biyyaalessaatti daarekatara Ispoortii Fardaafi misooma qonnaa Girum Zawuuduu qabiyyee galma mootummaa Malkaasaafi Qooqaa kan ta'ee lafa heektaara 160 irratti oomishinii Qamadiifi Xaafii oomishamaa jira.

Lafti amma oomishinni kun irratti oomishame jiiru kun waggoota 40 oliif oomishinni qonnaa kan irratti oomishamee hin beekne ta'uu eeranii, erga jijjirama as garuu hojiin misooma qonnaa bal'aan irratti hojjetama jira jedhaniiru.

Bara darbee oomishaa kumtaalaa 480 irraa walitti qabuu himanii, bara kana oomishaa kumtaalaa 2500 walitti qabuuf karoorfamuu himaniiru.

Hojiiwwan misoomaa galma mootummaa Malkaasaafi Qooqaa keessatti hojjetamuun lammilee hedduuuf carraan hojii uumamuus himaniiru.

Hojiwwan qonnaa ammaayyas qonnaan bultoota barsiisuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Nyaata bineesootaa fi beelladootaa paarkii tokkummaa keessaatti argamaniis misoomsamaa kan jiru yoo ta'u garaa fuula duraatti qonnaan bultoonnis haala kanaan oomishanii akka dhiheessan ni taasifama jedhaniiru.

Daarekatarri olaanaa Bulchiisa galma Mootummaa biyyaalessaa Mitikkuu Dheereessaa akka himanitti bulchiinsichi karoora nyaataan of danda'uu sadarkaa biyyaatti hojjetamaa jiru galmaan ga'uuf gahee isaa bahaa jira.Waggoota sadan darban kanatti biltoota nyaataaf oolana hedduu dhaabuu himanii, kanaan jiraatota naannaawwa kanaa fayyadamoo taasisuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015