Finfinneetti bor guyyaa tokkotti biqiltuun miliyoona 4 ni dhaabama.

Hagayya 11/2014(TOI) - Guyyaa boruu magaalaa Finfinneetti guyyaa tokkootti biqiltuu miliyoonaa 4 dhaabuuf saganteeffamuun himamee.

Sagantaan kun bor kutaa magaalaa 11tti ganamarra jalqabee kan raawwatamu ta'uunis himameera.

Sagantaa biqiltuu dhaabuu kanarratti Daraggoonnii, baratoonnii, Humnoonni nageenyaa, dureeyyoonni, Tola ooltonni,abootiin amantaa, ogeeyyiin aartiifi jiraatoonni magaalichaa bakkeewwan biqiltuu dhaabuuf qophaa'anitti argamuun ashaaraa magariisaa isaanii akka kaawwatan waamichi taasifamuufi ragaan waajjirra kantiibaa magaalaa Finfinneerraa argamee ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015