Ergaa Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad guutinsa bishaanii hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa 2ffaa ilaalchisuun dabarsan :-

80

"Guutinsi bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 3fa milkaa'inaan xumurameera!

Wayita Abbayyaarratti hidha ijaaruuf kaane lagicha kan dhuunfaa keenyaa qofa gochuuf akka hin taane durumarraa dubbachaa turre. Nuti faayidaa argachuu qabnu haa argannu yoo jennu akkuma Itoophiyaa kennaawwan Abbayyaa kanbiroonis - Sudaaniifi Masir lagicharra akka gaheesaaniitti akka fayyadaman itti yaadaatidha. Dhugaa qabannee kaanee gudunfaa keenyaan ijaarree akkaataa dubbanneen utuu eenyuunuu hin miidhiin, guutinsa bishaanii marsaa 3fa yeroo yaadame keessatti xumuruu danda'uu keenyaaf ilmaan Abbayyaa hundi baga gammanne!!

Lagni Abbayyaa biyyoota sadan akkuma waggoota kumaatama walitti hidhee jiraachisaa ture, hidhi isarratti ijaarame ollaawwan keenya kanbiroo faanas walta'insaan akka jiraannu nudandeensisa. Hidhichi tinfaa kan hanbisu waan ta'eef lubbuufi qabeenyaa sababa lolaatiin biyyoota miiljalee yaa'ichaatti baduu akka hir'isu beekamadha. Kana malees humna elektiriikii hidhichi maddisiisuu - madda humnaaf, naannawaa bishaanii miidhagaa hidhichaan uumamu - bashannanaaf, qurxummiiwwan bishaanicha keessatti horan - nyaataaf, ollota keenyaafi addunyaa waliin ni qooddanna."

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015