Itoophiyaafi Hindiin walta’iinsa dame hawaasummaan qaban cimsuuf walii galan

108

Hagayya 3/2014(TOI)- Ministirri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen Ministira Haqaa Haawaasummaa fi Gahumsaa Hindii Dooktar Veereendiraa Kuumaar waliin haala hariiroo hawaasummaa biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin hariiroo biyyoota lameenii gara michooma tarsiimawaatti guddisuun barbaachisaa ta’uu anga’oonni lameen waliif galaniiru.

Sagantaalee ijaarsa dandeettii, carraa hojii uumuu, leenjii dargaggootaafi kutaalee hawaasaa rakkoo dinagdee qaban deeggaruu haala danda’amurratti mari’achuus eerameera.

Keessumaa qaama miidhamtoota ga’oomsuu, fayyadamummaa baala sammuu namaa hadoochuu ittisuufi deebisanii dandamachiisuu akkasumas maanguddoota irratti haala addaan hojjechuuf waliigaluu ibsameera.

Mootummaan Itoophiyaa wiirtuu maanguddootaa hundeessuuf piroojektii haaraa bocuun hojjechaa jiraachuufi wiirticha hundeessuuf Hindiirraa muuxannoo guddaa kan fudhatu ta'uu Dookt’r Ergoogeen dubbataniiru.

Mootummaan Hindii deeggarsa sirna barnootaa Itoophiyaaf taasisu dinqisiifachuun, carraa barnootaa barattoota Itoophiyaaf kennu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Ministira Haqaa Haawaasummaa fi Gahumsaa Hindii Dooktar Veereendiraa Kuumaar gamasaaniin, hariiroon gama maraa biyyoota lameenii kan dinqisiifatamu ta’uu ibsuun, Hindi hariiroo kana gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015