Naannoo Oromiyaa fi Kibbaatti bakkeewwan hongeef saaxilamoo ta'anitti hojiin misooma nyaata beelladaa hojjetamaa jira.

76

Hagayya 3/2014(TOI) - Naannoo Oromyaa fi Kibbaatti bakkeewwan hongeef saaxilamoo ta'anitti hojiin misooma nyaata beelladaa hojjetamaa jiraachuun himame.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu akka himanitti, Oomishitummaa beelladaa guddisuuf saanyii beelladootaa fooyyesuufi nyaata beelladaa gahaa ta'e dhiheessuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jira.

Godina Booranaa dabalatee bakkeewwan hongeen miidhaman birootti hidhaawwan jallisii fayyadamuun nyaata beelladaa jallisiin misoomsuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Naannichaatti hangaan kan wal caalan ta'uus bakkeewwan 10 caalanitti hongeen mudachuu kan himan obbo Abarraan, rakkoo kanaafis furmaata ta'a kan jedhamee nyaata beelladaa lafa heektaara kuma 90 irratti misoomsuun yaalaa jira jedhaniiru.

Misoomni nyaata beelladaa kunis yeroo gannaa bakkeewwan mukkeewan micireen uffifamaan irraa kaasuun marga biqilchuu, akkasuma roobaa arfaasaafi jallisiin immoo kan biraan ni misoomsuun ni hojjetama jedhaniiru.

Bara 2015tti hongee naannichatti mudachuu danda'urraa akka damdamatamuuf lafa heektara kuma 90 irratti nyaanni beelladaa kan misoomu ta'uus himaniiru.

Nyaata malees dhiheessii bishaanii beelladaaf ammarra qophiin gahaan taasifamuu himaniiru.

Bara darbe misoomaa beelladaan beelladootaa kuma 500 diqaalomsuuf karoorfame keessaa beellaadoota kuma 300 diqaalomsuun danda'amuu himaniiru.

Hojii beelladoota diqaalomsuu kana keessatti tekinolojiin fayyadamuun beelladoonni dhalatan akka raaddeen ta'an taasifamuu himaniiru.

Hogganaan Biroo qonnaa Naannoo Kibbaa obbo Osimaan Surur hojiin qonna qindaa'aa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu himanii misooma qabeenyaa beelladaaf naannichatti xiyyeeffannoon barbaachisan laatamuufi himaniiru.

Naannichi oomishituummaa beelladootaa dabaluuf sanyii beelladaa fooyyeessuun bal'inaan hojjetama akka jiru himanii, nyaata beelladaa oomishuufis yoo xiqqate maatiin tokko lafa kaaree 400 irratti nyaata beellada oomishuu haala danda'amurratti hojjetamaa jira jedhaniru.

Bakkeewwan hongeen miidhamanittis nyaata beelladaa jallisiin oomishuun hanqina nyaata beelladaa furuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015