Balaa lolaa ittisuun bakkeewwan hanqina roobaa qabanitti itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Balaa lolaa ittisuun bakkeewwan hanqina roobaa qabanitti itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhame.
Hagayya 3/2014(TOI) - Balaa lolaa ittisuunfi bakkeewwan hanqina roobaa qabanitti itti fayyadamuun barbaachisa ta'uu ministirri Bishaanfi Inarjii doktar Injinaar Haabtaamuu Ittifaa himan.
Ministeerri Bishaaniifi Inarjii adeemasa hojii akeekkachiisa balaa lolaa fi lolaa dursanii ittisuurratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin Bishooftuutti mari'achaa jiru.
Waltajjii kanarratti ergaa kan dabarsan doktar Injinaar Habtaamuu Ittifaa Itoophiyaan bakkeewwan adda addaatti balaa nam tolcheefi uumamaan qoramaa jirti.
Bara kana balaan hongee naannoo Somaaleefi Oromiyaatti mudate namaafi beelladarraan miidhaa cimaa geesiseera.
Yeroo dhihoo kana naannoo Amhaaraa godina Goojjam lixaatti akkasuma magaalaa Finfinneetti balaa lolaa mudateen lubbuun namaa darbeera, qabeenyi hedduunis maca'eera jedhaniiru.
Gara fuula duraattis naannoo Amahaaraa, Oromiyaa, Gambeellaa, Affaarfi magaalaa Finfinnee dabalatee roobni cimaan ni rooba jedhamee waan eeggamuuf dursanii hojiiwwan balaa lola ittisuuf gargaaraan hojjechuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.Balaa lolaa ittisuun biyyattii keessatti bakkeewwan hanqina roobaa qabanitti itti fayyadamuun irratti hojjetamuu akka qabus himaniiru.
Rakkoo balaa lolaa ittisuuf hawaasniifi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon qindoominaan hojjechuu akka qabanis dhaamanirru.
Waltajjii marii kana irratti haala gara fuula duraatti balaa lolaa ittisuun danda'amurratti karoorri waloo kan bahu ta'uun himameera.