Humni Addaa Naannoo Somaalee dhootuuwwan miidhaa cimaa geesisan hedduu to’achuu himame.

Hagayya 2/2014(TOI) - Humni Addaa Naannoo Somaalee gareen shororkeessaa Alshabaab haleellaa shororkeesummaa dhoksaan raawwachuuf biyyattitti naannawaa garaa garaan kan galchee dhootuuwwan miidhaaa cimaa geessisan hedduu to'achuu beeksiseera.

Dhootuuwwan miidhaa cimaa geessisan to'annaa jala oolche keessaa Koddaa Zayitii keessa daakuu dhohinsaaf oolan, gamoowwan 35 daandii fi taankota kan barbadeessan dhootuuwwan akkaan cimoo tahan akka ta'e Ajajaa itti aanaa Humna Addaa Naannoo Somaalee Komiishinara Itti aanaa Jeneraalaa Zakkaariyaa Abdii himaniiru.

Garichi meeshaalee kanneeniin magaalotaafi bakkee garaa garaatti haleellaa raawwachuuf karoorfatee akka turees himaniiru.

Nageenya naannichaa cimsuuf humni addaa naannichaa dammaqinaan dhaababchuus himaniiru.

Garee shororkeessaa Alshabaabiifi farreen nageenyaa irraa haleellaa aggaamamuu danda’u haala amansiisaan akka fashaleessuufi tarkaanfii keessa deebii hinqabne akka fudhatanis himaniiru.

Karoorri garee shororkeessaa Alshabaabis osoo galmaan hin ga’iin humna nageenyaan barbadaa’uu dubbataniiru.
Biiroo Komuunikeeshinii Naannoo Somaalee irraa arganne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015