Jilli Obbo Shimallisiin durfamu omisha qamadii daaw'ate

Hagayya 1/2014(TOI) - Jilli Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu, Godina Shawaa Bahaa Aanaalee Booraafi Dugdaatti qamadii kilaasteraan misoome daaw'ateera.

Wabii nyaataa mirkaneessuufi qamadii biyya alaatii galu hambisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa omisha qamadii dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Akka Godina Shawaa Bahaatti Qonna Gannaan lafti heektaarri kuma 439 fi 120 misoomaa jira. Kana keessaas Lafti heektaarri kuma 184 fi 309 kilaasteraan qamadiin misoomaa jira.

Qonnaan Bultoonni Godina Shawaa Bahaa duraanirra jireessaan Boqqolloo, Boloqqeefi Xaafii omishu turan.

Galma misooma qamadiif qabame milkeessuuf hubannoo qonnaan bultootaa cimsuun akka isaan misooma kanarratti xiyyeeffataniif hojii hojjetameen milkaa'inni kun argame.

Naannoo Oromiyaatti Lafa heektaara miiliyoona 4.5 kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame.

Kana keessaa hanga ammaatti qamadiin lafa heektaara miiliyoona 1.3 kilaasteraan misoomaa jira. OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015