Carraa hojii mijeessuun gochaa dursi Kennamuufidha - MM Abiy Ahimad

101

Adoolessa 30/2014 (TOI) – Carraa hojii haala ga'aan mijeessuu fi saffisiisuun dhimma dursa argachuu qabu ta'uu Muummeen Ministiraa FDRI doktar Abiy Ahimad ibsan

Dhaabbata yeroo dhihoo hundaa'e ta'us, Ministeerri Hojii fi Ogummaa ji'oota 10 qofa keessatti haala ajaa'ibsiisaa ta'een of caasessee Teeknooloojiitti fayyadamuudhaan ergamasaa hojiifi ogummaa uummu haalaan raawwachuu eegaluu eeraniiru.

Carraa hojii mijeessuun gocha dursi kennamuufidha jedhan.

Manni hojii Ministeerichaa kan hundaa'e hudhaalee carraa hojii ummuu gahumsaan furuu, akkasumas humna nama leenji'ee fi tajaajiltoota ilaalcha tajaajiltummaa qaban horachuuf ta'uu isaa Muummeen Ministiraa FDRIAbiy Ahimad.

Carraa hojii uumuu haalaan mijeessuuf gahumsi manni hojichaa qabu cimuufi si'achuu qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015