Filannoo Pirezidaantummaa Yukireenitti Gaggeeffameen Komediyaan Zeleniskiin Injifatan

56

Ebla 14/2011 Filannoo Pirezidaantummaa Yukireenitti gaggeeffameen Komediyaan Volodyimaar Zeleniskiin garaagarummaa ba'laan Injifatan.  

Siyaasaa biyyattiif haaraa kan ta'an Zeleniskiin sagalee dhibbeentaa 70 ta'u argachuuni filannoo kana injifachuu kan danda'an.

Ga'eessi Umrii 41 Zeleniskiin pirezidaantii Yukireen amma jiran Poorsheenkoo waliin dorgomaa turaniiru.

Pooronsheenkoon filannoo kanan mo'amuu isaanii amananii, " Pirezidaantiin haaraan kun muuxannoo waan hin qabneef dhiibbaa Raashiyaa jalatti kufuu ni danda'u " jechuniis dubbataniiru.

Ministirri dhimma Alaa Raashiyaa gama isaaniitiin Pirezidaantiin haaraa filataman dhimma biyya keessaa irrattis ta’e, alaa irratti abdii deeggartoota isaa milkeessuuf hojjechuu qaba jedhaniiru.

Prezidaantiin haaraan kun yeroo dhufutti ummata Foxxoqtoota waliin kan mari'atan ta'a jedhameera.

Yukireen jala biyyi turte Kireemiyaan akka lakkoofsa warra Awurooppaa bara 2014 Foxxoquun ishee kan yaadatamu dha. 

Komediyaan Zeleniskiin waggoottan dhufan shaniif preziaantii Yuukireen ta’uun ni tajaajilus jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015