Tamsaasa Kallatti:

Humnoonni nageenyaa Itoophiyaa hoggantoota 24 dabalatee hidhattoota garee Alshabaab 800 barbadeessun ibsame

Adoolessa 29/2014 (TOI) – Humnoonni nageenyaa Itoophiyaa hoggantoota 24 dabalatee hidhattoota garee Alshabaab 800 barbadeessun ibsame

Tarkaanfii hanga ammaatti fudhatameen Hoggantoota 24 dabalatee hidhattoonni garee Alshabaab 800 barbadaa'uu Komaandi Poostiin yeroo beeksiise.

Diishqaa dabalatee meeshaaleen waraanaa akaakuun garaagaraa hedduun to'atamuus ibseera.

Yaaliin garichi Adoolessa 14, 2014 eegalee daangaa Itoophiyaa loo'ee seenuuf taasise Qindoomina Qaamolee nageenyaa fi hirmaannaa ummataan fashalaa'uu Raayyaa Ittisaatti Itti gaafatamaan Bobbii fi Qindeessaan Komaandi Poostii Yeroo Meejar Jeneraal Tasfaayse Ayyaalew fi ajajaan humna addaa naannoo Somaalee Komishineer jeneraal Mahaammad Ahimad TOI himaniiru. ibsanniiru.

Akka Jeneraal Tasfaayeen himanitti garichi Itoophiyaa jeequuf baandaawwan barbaadan bituuf yaalii guddaa taasiseera.

Karoorri isaanii waan hin milkoofneef kaaraa duubaa ashabaabiin deeggaruun yaalii hin milkoofne taasisaniiru jedhaniiru.

Yaaliin kun kaayyoo Itoophiyaan qabeenya uumamaa ishee fayyadamtee misoomuuf taasisa jirtu fashaleessuuf yaalii taasifamedhas jedhaniiru.

Kaayyoo badii Kana raawwachuufis Alshabaab konkolaatota 16' miseensota garee isaa fe'uun kaan immoo dukkana dahoo godhachuun lafoon lohee Itoophiyaa galuun yaalii haleella raawwateera jedhaniiru

Ta'us garuu Raayyaan Ittisa biyyaa humna addaa naannoo Somaalee waliin qindaa'uun garee shororkeessaa alshabaab lohee daangaa Itoophiyaa galuuf yaale hoggantoota garichaa dabalatee loltoota isaa guutuummaan guutuutti barbadeessera.

Humni qilleensaa Itoophiyaaa loojistikiifi kuusaa meeshaalee yeroo dheeraaf garichi itti fayyadamuuf karoorfate adda baasee xiyyeeffannoon kan rukute yoo ta'u hoggantoota garichaas barbadeessera.

Haaluma kanaan hoggantoonni garichaa ajjeefaman,

1) Fihaad Mahaammas Kaliif - hogganaa kakaasifi Piropogaandaa Alshabaab

2) Abdul'aziiz Abumuus - Dubbi himaa Alshabaab

3) Abdulnuur Isee -Hogganaa godina Bokool fi naannawwaa daangaa Itoophiyaa

4) Shek La'aab Somaalaawwi - hogganaa loojistikii Kibba lixaa

5) Abu Musaa - Itti aanaa Af-yaa'ii

6) Alii Mahammad Hasan - Koree jiddugaleessaa Alshaabitti nama lammaffaa

7) Adam - Itti aanaa hogganaa gare Alshabaab Itoophiyaa lohee seenuuf yaalee

8) Muktaar Gabii - Miseensa koree jiddugaleessaa

9) Amiir Abdallaa(Mahaammud Abdallaa) - Hogganaa leenjii kaampii Morgalee

10) Injineer Jaadii Sireewaan(Mujaahid Fahiseel) - Hogganaa leenjii Kaampii Iluufalaayfi Fanjii

11) Shek Huseen Bardeel - Walitti qabaa qarataa godina Bayiifi Bakool

12) Shek Hasaan Nunoo - Hogganaa Jabahaa Shabalee gara dagii

13) Yaasiin Saree - Amiir

14) Saaalih Daree - Hogganaa Barnoota ashabaab godina Bayii

15) Abdulsalaam - Walitti qaba Ashabaab godina Bayii

16) Hamizii Abdulaahii - Hoggannaa odeeffanno godina Bayii

17) Abdulaahii Hajii - Hogganaa waraanaa godina Bayii

18) Muktaar Booroo - Amiir

20) Abdul'akiim Gaduuda - Amiir

21) Muktaar Gabii - hogganaa duula qaxanaa

22) Ayuub Daawud - Amiir
23) Alii Adan - Amiir

24) Hasan Mahaammad Amiiridha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015