Manni Maree Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa garee adeemsa marii biyyaalessaa hordofu hundeessuu ibsame

92

Adoolessa 28/2014(TOI)- Manni Maree Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa garee adeemsa marii biyyaalessaa hordofu hundeessuu beeksiseera.Manni marichaa marii biyyaalessaa ilaalchisee waldaalee siiviiliifi qaamolee dhimmamtootaa waliin mari’ateera.

Marichi, marii biyyaalessaa bara dhufu baatii Sadaasaa gaggeeffamuuf jedhurratti dhaabbileen siiviilii hawaasaa hirmaannaa ho’aa akka taasisan gochuuf kaayyeffachuu ibsameera.

Daayrekatarri olaanaan mana marichaa Heenook Mallas, miseensonni siiviilii hawaasaa milkaa’ina marii biyyaalessaaf hirmaannaa olaanaa taasisuu akka qaban ibsaniiru.

Manni marichaas damicha bakka akka bu’uuf akkaataa aangoon kennameefiin waldaalee siiviilii hawaasa qindeessuun ga’ee isaa ba’achuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Manni marichaa adeemsa marii biyyaalessaa hordofuuf garee waldaalee siiviilii hawaasaarraa walitti babba’e hundeessuu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015