Manni maree naannoo Hararii yaa'ii idileesaa geggeessuu jalqabe.

73

Adoolessa 26/2014(TOI) - Manni Maree naannoo Hararii yaa'isaa marsaa 6ffaa bara hojii tokkoffaa yaa'ii idilee lammaffaa har'a geggessuu jalqabeera.

Yaa'iin kun guyyoota lamaaf kan geggeeffamu yoo ta'u gabaasni raawwii hojii bara 2014 pirezidaantii naannicha obbo Oradiin Badiriin yaa'ichaaf dhihaatee irratti ni mari'atama jedhameera.

Karoora hojii bara bajataa 2015 irrattis mar'achuun ni raggasifama jedhameera.

Manni marichaa dabalatanis wixinee bajata bara haraafi labsiwwaan adda addaa 4 fi muudama adda addaa qorachuun ni raggasisa jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015