Sirni galateeffannaa Atileetotaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Sirni galateeffannaa Atileetotaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffame

Adoolessa 21/2014 ( TOI)-Sirni galateeffannaa Itoophiyaanotaafi Atileetotaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti, Finfinnee Gidduugala Galma Aadaa Oromootti gaggeeffameera.
Sirnicharratti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru.
Waggoottan arfan darbanitti Itoophiyaan qormaatilee hin injifataman fakkaatan hedduu injifachuun fi injifannoon argame kan itti fufu ta’uu Pirezidaant Shimallis ibsuu ragaan Waajjira Pirezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.