Jarman damee adda addaarratti deeggarsa Itoophiyaaf taasiftu cimsitee itti fufti - Ambaasaaddar Isteefen Ahuurni

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (TOI) – Jarman damee adda addaarratti deeggarsa Itoophiyaaf taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta'uu Itoophiyaatti Ambaasaaddara Jarman Isteefen Ahuurni ibsan.

Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee Itoophiyaatti Ambaasaaddara Jarman Isteefen Ahuurni waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis Dooktar Ergoggeen Itoophiyaa fi Jarman hariiroo dippiloomaasummaa waggoota dheeraa lakkoofsise kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Hojiiwwan adda addaa dubartoota, dargaggoota,Qaama miidhamtootaafi mangudoota irratti Itoophiyaan hojjettu Jarmaan gama isheen deeggaraa turuu himaniiru.

Kana dabalatee kallaatti gara garaan dhimmoota adda addaarratti ootummaan Jarman deeggarsi Itoophiyaaf taasisu cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Itoophiyaatti Ambasaddarri Jarman Isteefen Ahuur, gama isaaniin ministeerichi dubartoota ga’oomsuu, dargaggoota tajaajila tola ooltummaarratti bal’inaan akka hirmaatan taasisuuf tattaaffii isaa dinqisiifataniiru.

Jarman damee adda addaarratti deeggarsa Itoophiyaaf taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta'uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015