Firiin qormaata Kutaa 8ffaa Magalaa Finfinnee ifoome.

Adoolessa 18/2014(TOI) - Firiin qormaata Kutaa 8ffaa Magalaa Finfinnee ifoome.

Firiin qormaata bara barnoota 2014 Kutaa 8ffaa magalaa Finfinnee ifoomuusaa Biiroon Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Biirichi akka ibsetti, barattoota qormaataaf taa’an keessaa harki 63.9 firii 50 fi isaa ol galmeessaniiru. Qabxichi kan bara darbee galmaa’een walbira qabamee yoo madaalamu olaanaadha jedhame.

Barattoonni qormaaticha fudhatan bu’aa qormaatasaanii karaa teessoo Biirichi guyyaa har’aa irraa eegalee baasuun ilaaluu kan danda’an ta’uu beeksifameera.

Magaalaa Finfinneetti barattoonni kuma 71fi dhibba 832 qormaata kutaa 8ffaa fudhachuusaanii ragaan Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015