Hojiirra oolmaan Deeggarsi boba'aa yaadame akka jalaqabatti haala gaariin raawwatama jira jedhame.

60

Adoolessa 17/2014(TOI) - Hojiirra oolmaan Deeggarsi boba'aa yaadame akka jalaqabatti haala gaariin raawwatama jiraachuu,Koree Qindeessaa Deeggarsa Boba'aa Biyyaalessaa yaadame beeksise.

Deeggarsi boba’aa konkolattoota Tajaajila Geejjibaa uummataa kennaan fayyadamaa taasise akka jalqabaatti haala gaariin deema jiraachuu korichi beeksiseera.

Deeggarsa boba’aa hojiirra osoo hin oolchiin dura waltajjiin hojii hubannoo uumuu kennamaa turuus korichi himeera. Waltajjii hojii hubannoo uumuunis buufata boba’aa 615 oliif kennamu jiraachuu eerameera.

Deeggarsa boba’aa biyyaalessaa yaadame teeknooloojiin deeggaruuf appilikeeshiniin kalaqamee hojiirraa oole fayyadamttoonni itti fayyadamaa jiraachuus eerameera.

Wayita ammaas Konkolaattonni tajaajila geejiba uummataa kennan kuma 100fi kuma 80 ol galmaa’aan keessaa dhibbeentaan 72 tajaajila Teelee Birrii argachuuf oddeeffannoo isaan barbaachisuun guutuun galmaa’us eerameera.

Ministeera Geejjibaa fi Loojestikii irraa oddeeffannee.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015