Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaafi Inistitiyuutiin Intalajansii Arteefishaalaa Itoophiyaa dhimma Ijaarsa Dandeettiifi Teknoolojiirratti waliin hojjachuuf waliigaltee mallatteessan.

Adoolessa 13/2014(TOI) - Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaafi Inistitiyuutiin Intalajansii Arteefishaalaa Itoophiyaa dhimma Ijaarsa Dandeettiifi Teknoolojiirratti waliin hojjachuuf waliigaltee mallatteessan.

Waligalticha Ministiira MinisteeraTajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr. Laggasa Tulluufi Daarektara Olaanaa Inistitiyuutiin Intalajansii Arteefishaalaa Itoophiyaa Injinar Warquu Gaachanaati walii mallatteessaniiru.

Dhaabbileen lameen kun waliin hojjachuun isaanii gama kominikeeshiniitiin hojii hojjatamaa jiru milkeessuuf, ijaarsa dimookraasii biyyattii saffisiisuu keessatti gahee kan qabaatu ta'uu gaggeessittoonni waligalticha mallatteessan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015