Mootummaan Naannichaa Fayyadama Ummataaf Xiyyeeffannoo Adda Kennee Ni Hojjeta --- Obbo Shimallis Abdiisaa

72

Naqamte Ebla 11/2011 Fayyadama ummataa mirkabeessuuf mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu haaraa kan muudaman itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Itti aanaan pirezidaantii kun har'a jiraattota godina Qeellam Wallaggaa irraa dufan waliin magaalaa Damb Doollootti wayita mari'atanitti akka jedhanitti, naannawicghatti boora'uu nageenyaa waliin wal qabatee bu'uraaleen misoomaa jlqabaman harkifamuusaaniitiin ummanni fayyadamaa hin taane.

Rakkoon uumamee ture karaa nagaa furmaata argachuusaa hubachiisanii, haala nageenya naannichaa amansiisaa gochuudhaan sochii misoomaa boodatti hafe deebisuudhaan fayyadama ummataa mirkaneessuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu ibsaniiru.

Ummanni godinichaa mootummaa cinaa dhaabbachuudhaan nageenyi naaannichaa akka eegamu ga'eesaa akka ba'u obbo Shimallis hubachiisaniiru.

Pirojektoonni ijaarsisaanii jalqabamee jidduutti dhaabate hatattamaan gara hojiitti deebi'anii akka xumuraman kan taasifamu ta'uus dubbataniiru.

Obbo Shimallis akka jedhanitti, wal dhabdeen ODP fi Adda Bilisummaa Oromoo jidduu ture karaa nagaa furmaata argatee naannichatti injifannoo karaa siyaasaa argame karaa misoomaas dabaluuf mootummaan kutannoodhaan ni hojjeta.

Gaaffiiwwan addaddaa ummatarraa ka'aniifis deebii kennaniiru.

Barii guyyaa muudamanii dursa kennanii fi naannawasaanii dhufanii isaan mari'achiisuusaaniif ummanni galateeffachuu eeruudhaan waajjira komunikeeshinii mootummaa  godinichatti abbaan adeemsa hojii yaada ummataa fi miidiyaa hawaasummaa obbo Tamasgeen Taaddasaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015