Atileetonni Itoophiyaa fiigicha gulaalli meetira 1500 injifachuun marsaa itti aanutti darban.

113

Adoolessa 10/2014(TOI) - Shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa 18ffaa Oregaanitti geggeeffamaa jiruun atileetoonni Itoophiyaa gulaallii fiigicha meetira 1500n geeffame injifachuun marsaa itti aanutti darban

Fageenya kanaan dorgommii atileetota dubartoota jidduutti taasifameen atileetoonni Itoophiyaa dorgommicharratti hirmaatan marsaa itti aanutti darbaniiru.

Gudaaf Tsaggayee yeroo 4፡01.28 ramaddii isheerraa 1ffaan, Firehiwoot Hayiluu yeroo 4፡02.28'n ramaddii isheen 4ffaan xumuruun, Hiruut Mashashaa yeroo 4፡04.05'n ramaddii isheerraa 2ffaan xumuruun gara marsaa itti aanutti darban.

Dhiirootaan Saamu'eel Tafarraa yeroo 3፡36.35'n,Taaddasaa Lammii saatii 3፡36.24'n xumuranii gara marsaa itti aanutti darbaniiru.

Saamu'eel Zallaqaa immoo yeroo 3፡40.77 ta'een fiigicha kana xumuruus gara marsaa itti aanuutti hin dabarre ragaan Federeshinii Atileetiksii Itoophiyaarraa argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015