Nageenyaafi misooma magaalichaa mirkaneessuuf hawaasa waliin qindoomuun hojjetamaa jira - Aadde Adaanech Abeebee

63

Adoolessa 9/2014(TOI) - Nageenyaafi misooma magaalaa Finfinnee bu'uura cimaarratti akka jiraatu mirkaneessuuf hawaasa waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee himan.

Manni Maree bulchiinsa Magaalaa Finfinnee cuunfaa gabaasa baajataa bara 2014 raggaasiseera.

Yaa'ichaan miseensonni mana marichaa dhimmoota dinagdee, hawaasummaafi siyaasaarratti gaaffiiwwan xiyyeeffataniiru.

Gaaffiwwan dhihaataan keessaa dhimma nageenyaafi tasgabbii, rakkoo bulchiinsa gaarii, qaala'insa jireenyaa, rakkoo mana jireenyaa akkasuma bulchiinsa manneen mootummaafi haala isaan ittiin kennaman irratti kan xiyyeeffatudha..

Gaaffiwwan dhihaataniif deebii kan laatan aadde Adaanech Abeebee,
Nageenyaafi misooma magaalichaa mirkaneessuuf hawaasa waliin qindoomuun hojjetamaa jira jedhaniiru

Manni marichaa oolmaa guyyaa 2ffaa isaan gabaasa raawwii bara baajataa dhiyaate dhaggeeffachuun erga irratti mari'atee booda raggaasisuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015