Itoophiyaafi Somaaliyaan nageenya Gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf walta’iinsa isaanii cimsanii itti fufu

Adoolessa 08/2014(TOI) - Itoophiyaafi Somaaliyaan nageenya Gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf walta’iinsa isaanii cimsanii kan itti fufan ta’uun himame.

Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin Ministira Dhimma Alaafi Ministira Eeggataa Walta’iinsa Idil Addunyaa Somaaliyaa Balaal Mohaammad Osmaan waliin mari’atan.

Mariin isaaniis dhimmoota waloo, nageenya Gaanfa Afrikaafi dhimmoota nageenyummaa irratti kan xiyyeffate ta’un himameera.

Obbo Daamamqaa Mokonniin, Somaaliyaan filannoo gaggeessuun mootummaa hundeessuu ishiif gammachuu isaanii ibsaniru.

Mootummoonni biyyoota lameeni dameeleen walta’iinsaan hojjettan hedduun jiraachuu himuun, keessattuu duula farra shororkeessummaa irratti sosochii jiru cimsuu akka qaban akeekaniiru.

Ministirri Dhimma Alaafi Ministirri Eeggataa Walta’iinsa Idil Addunyaa Somaaliyaa Balaal Mohaammad Osmaan, mootummaan Somaaliyaa haaraa hundaa’e nageenya biyyatti mirkaneessuuf xiyyeeffannoo kennuu himuun gama kanaan Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuu kan itti fufan ta’uu dubbataniru.

Garee shororkeessaa Alshabaab dhabamsiisuuf biyyoonni lameen sochii taasiisaa jiran cimsani itti ifufu akka qabanis himaniiru.

Waajjira Dubbi Himaa Minisiteera Dhimma Alaa odeeffanne.

.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015