Koree Olaanaan marii nageenyaa hojii eegaluu beeksiise

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (TOI) –Rakkoo Nageenyaa Kaaba Itoophiyaatti uumame karaa nagaan furuuf koree olaanaan hundaa’e ifatti hojii eegaluu beeksiseera.

Gorsaan Nageenyaa Ministeeraa Muummee FRDI Ambaasaaddar Reediwaan Huseen, Koree olaanaan marii nageenyaa walga’ii jalqabaa isaa gaggeessuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Korichi marii nageenyaa mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamuuf hojmaataa fi namuusa isaarratti mari’achuun murtoo dabarsuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015