Itoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti bittaafi gurgurtaa kuduraafi muduraa guddisuun haala danda’amurratti mari’atame.

46

Adoolessa 02/2014(TOI) - Itoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti bittaafi gurgurtaa kuduraafi muduraa guddisuun haala danda’amurratti mariin gaggeeffamuu ibsameera.

Ambaasaaddar Daawwannoo Kadir Dura Taa’aa Itti aana Waldaa Bittaafi Gurgurtaa Muduraa Chaayinaa Jaan Chinfing waliin haala bittaafi gurgurtaa kuduraafi muduraa guddisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa oomishaafi oomishtummaa kuduraafi muduraa guddisuuf kutannoo qabaachuu Ambaasaaddar Daawwannoon himaniiru.

Oomishni Avookaadoo bal’inaan oomishamuun gabaa alaaf dhiyaachaa jiraachuus kaasaniiru.

Waldaan Bittaafi Gurgurtaa Kuduraafi Muduraa Chaayinaa oomishaalee kuduraafi muduraa Itiyoophiyaa fayyadamtoota Chaayinaatti beeksisuun, deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qabus gaafataniiru.

Jaan Chiinfing gamasaaniin,Waldichi imbaasicha waliin hojjechuun hariiroo daldalaa biyyoota lameenii daran guddisuuf fedhii qabaachuu mirkaneessaniiru.

Dhaabbilee Itoophiyaa damicharratti hojjetan waliin ta’uun, fayyadamummaa waloo guddisuun kan danda’amu ta’uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015