Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad bara bajata 2015 ilaalchisee ibsa kennan isaan ijoo

153

Waxabajjii, 30/2014(TOI) - Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad bara bajata 2015 ilaalchisee ibsa kennan isaan ijoo

? Qonna Arfaasaan bu’aan olaanaa galmaa’eera, kunis ittifufuu qaba

? Baasiin xaa’oof bahe kan bara darberraa barana harka lama caalmaa qaba

? Maallaqa liqiif kenname keessaa dhibbantaan 34 kan ta’u damee qonnaaf kan kennamedha

? Dhaabbileen liqiifi qusannoo xixiqqaa qunnaan bultoota miliyoona 3.8f liqii dhiyeessera

? Omishtummaan qonnaa dabaleera, bara dhufutti qamadii gara alaatti ergina

? Bara dhufu galiin olaanaa kan eegamu damee alergiirraati

? Bara bajata ittaanutti dhibbantaan 59 hiyyummaa hir’isuurratti kan xiyyeeffatedha

? Lakkoofsi ummataa gaggeeffamuu baatuus raga saayinsawaa ta’een manni maree federeeshinii ramaddii bajataa gaggeessa

? Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa pirojektoota ijaarsaa 331 bulcha, supha olaanaa 49 ol gaggeessa

? Pirojektoonni daandii 105 adeemsawwan diizayinii, caalbaasiifi kkf rra jiru

? Hojiileen humna ibsaafi bishaanirratti eegalamanis bu’aa olaanaa kan galmeesisanidha

? Pirojektii shukkaaraa ilaalchisee warshaaleen shan dabalamanii omishasaa guddisuuf yaalameera

? Bara Afriikaarra alergii bunaatiin gahee olaanaa kan qabdu itoophiyaadha

? Buna kanas dhibbantaa 98 kan ergine Kontinaraanidha

? Koyishaa, Gorgoraafi pirojektoota biroo akkuma waadaa galleon hojjetamaa jiru

? Pirojektiin Gorgoraarratti hojjetamaa jiru bakka gahumsa filatamaa Afrikaa keessaa isa tokko akka ta’uufi waggoota 100 oliif akka tajaajilu goonee hojjechaa jirra

? Koyishaanis haaluma wal fakkatuun pirojektii filatamaadha

? Bara dhuftu kurmaana tokkorraa eegalee baay’eensaanii kan eebbifaman ta’u

? Ammas bakkawwan baay’ee misoomuu qaban ni jiru, haalonni wayita tasgabbaa’aniifi maallaqni argamu itti deemama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015