MM doktar Abiy Ahimad Al Burhaan Waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 28/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Pireezdaantii Mana Maree Ce'umsaa Birmadummaa Sudaan Abdulfattaa Al Burhaan waliin Keeniyaa Naayiroobiitti mari’atan.

Hoggantoonni lameen yaa'ii Addaa Hoggantoota IGAD gaggeeffamaa jiru cinaatti dhimmoota naannawaa fi gam-lameerratti waliin mari’achuu ragaan Waajjira Muummee Ministeeraarraa argame ni mul'isa.

Doktar Abiy Ahimad yaa’ii Addaa Hoggantoota IGAD 39ffaa irratti hirmaachuuf guyyaa har’aa Keeniyaa Naayiroobii galuun isaanii kan yaadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015