Kaayyoon guddaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ummata Oromoo diinagdeedhaan mataa olqabuudha- Obbo Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
Kaayyoon guddaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ummata Oromoo diinagdeedhaan mataa olqabuudha- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 23/2014 (TOI) – Kaayyoon guddaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ummata Oromoo diinagdeedhaan mataa olqabuu ta’uu Pireezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.
Giddugalli laabiraatoorii Kibba Oromiyaa magaalaa Bulee Horaatti ijaarsifame Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan eebbifameera.
Pireezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasawaa sirna eebba giddugalichaarratti taasisaniin, kaayyoon guddaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ummata Oromoo dinagdeedhaan mataa olqabuu ta’uu ibsaniiru.Ummanni kun hiree isaa mirkaneeffachuu danda'eera; Mootummaa walqixxummaa Oromoo fi sabootaaf dhaabbatu bu'uureffatees ittiin bulaa jira jedhan.
Sababni injifannoo badhaadhinaa dhugaafi hirmaannaa ummataa ta’uu eeruun, Sabboonummaa Oromoo, tokkummaa, diinagdee cimaa, seenaa hojjetu tarkaanfachiisuuf hojjatamaa akka jirus himaniiru.
Naannichatti bara kana piroojektoonni kuma 20 ol xumuramuun eebbifamaa jiraachuu ibsuu OBN gabaaseera.