Ijaarsa Istaadeemii biyyaaleessaarratti sirreefamnii gatii taasifamuuf jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa Istaadeemii biyyaaleessaarratti sirreefamnii gatii taasifamuuf jedhame.

Waxabajjii 22/2014(TOI) - Sababaa sirna kanfaltiitiin ijaarsi isaa osoo hin xumuraamiin kan ture ijaarsa Istaadeemii Biyyaaleessaarratti sirreeffamni gatii taasifamuuf akka jiru Ministirri Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa himan.
Ijaarsi Istaadeemii Biyyaaleessaa(Adee Ababaa) Magaalaa Finfinneetti 'Korporeeshiinii injineringii ijaarsaa Chaayinaa Isteetti' jedhamuun ijaaramaa jira.
Ijaarsi Istaadeemii kanaa bara 2008 jalqabe. Istaadimichii teessoo kuma 62 qabata.
Ijaarsi isaa marsaan jalqabaa birrii biliyoonaa 2.4'n ijaaramee xumuramuun isaa ni yaadatama.Ijaarsi isaa marsaan lammaffaan immoo birrii biliyoona 5.57'n waggaa lamaafi ji'a jahatti ijaaramee ni xumurama jedhamee bara 2012 hojiin isaa kan jalqabame ta'us, haga ammaatti harka 50 illee hin hojjetamne.
Sababaan ijaarsi Istaadeemii Biyyaaleessaa kun duubatti harkifateef immoo sababa rokkoo sirna kanfaltii irratti mudateefi Weeraraa Vaayirasii Koroonaan ta'uu Ministirri Aadaafi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa himaniiru.
Kanaaf ijaarsa Istaadeemichaa hojjechaa dhaabbanni jiru 'Korporeeshiinii injineringii ijaarsaa Chaayinaa Isteetti' fooyya'insa gatii akka taasifamu gaafachuu himuun, waliigalteen raawwii kafaltiin sharafa alaa harka 40, harka 60 immoo birrii kan ture akka jijjiramuuf gaafachuu himaniiru.
Gaatiin meeshalee biyyaa keessaafi sadarkaa addunyaatti dabaluu ilaalcha keessa galchuun mootummaan foyya'insa gatii gochuuf qophii ta'us fooyya'insi gatii dhaabbatichi gaafatee garuu baay'ee ol ka'eera jedhan.
Hojiin ijaarsa Istaadeemichaa kan itti fufee jiru ta'uu kan himan obbo Qajeelaan fooyya'insa gatii dhaabbatichi gaafateerrattis mariin geggeeffamaa jira jedhaniiru.
Hoiin ijaarsaa Istaadeemii Biyyaaleessaa kanaa kan marsaa lammaaffatti hojjetamu, Baaxii ijaaruu, Teessoo dhaabuu,Ijaarsa haroo namtochee, Kaameeraa ammaayyaa to'anno nageenyaa oolu dhaabuu, 'Soowondii siyisteemii' diriirsuu, bakkeewwan konkolaattoonni dhaabatan ijaaruu, dirree shaakallii taphatootaa hojjechuufi kanneen birooti jedhaniiru.