Mariin haasaa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuurratti xiyyeeffate geggeeffama jira.

106

Waxabajjii, 22/2014(TOI) - Abbaa Taayitaa Midiyaalee Itoophiyaan kan qophaa'ee mariin mata ture ''Hasaa jibbinsaafi odeeffannoo sobaa irratti qabsaa'aa sirna dimokiraasii ni ijaarraa'' jedhu geggeeffama jira.

Mariin kun haasaa jibbisaa fi odeeffannoo sobaa ittisuuf haala dandeessisurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin geggeeffama jira.

Kaayyoon marii kanaas yeroodha gara yerootti haala hamaan babal'achaa kan jiru tamsaasa haasaa jibbinsaafi odeeffaannoo sobaa ittisuuf haala dandeessisurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari'achuun furmaata barbaadudha jedhameera.

Dabalataanis ragaan abbaa taayiticharraa argame akka muli'isutti haasaa jibbinsaafi odeeffaannoo sobaa ittisuuf hubannoo uummataaf kennuufi dhimma kanarratti sadarkaa biyyaatti sosochiin akka umamuu gochuufidha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015