Mariin paanaalii "Waa'ee Itoophiyaa" gaggeeffamaa jira

52

Waxabajjii 21/2014(TOI) - Mariin paanaalii "Waa'ee Itoophiyaa" jedhamu Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin Magaalaa Arbaamincitti qophaa'e gaggeeffamaa jira.

Agarsiisni suuraa “Waa’ee Itoophiyaa” jedhamus banameera.

Marii paanaalii kana pirezdaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawu, Waajjira Ministira Muummeerraa Doktar Biqilaa Hurrisaa, Waajjirra Ministira Muummeetti sadarkaa ministir de'eetaatti Waltaasisaa Wiirtuu Ijaarsa Dimokraasii Doktar Abdii Waasaafi Pirofeesar Bayyanaa Pheexiros barreeffama mariif ta’u dhiheessaaniiru.

Waltajjichaan dhimma waloo Itoophiyaa, waa'ee Itoophiyaa beeksisuufi hubachiisuurratti marii bal'aan geggeeffameera.

Waltajjiin akkanaa magaalota Itoophiyaa 11tti kan gaggeeffamu yoo ta'u, hanga ammaatti Jigjigaa, Dirre Dhawaa, Harariifi Hawaasaatti gaggeeffamuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015