"Itoophiyaan dameewwan nageenyaa fi misoomaan hawaasa idil addunyaa waliin qindoominaan ni hojjetti"

76

Waxabajjii 18/2014 (TOI) – Itoophiyaan dameewwan nageenyaa, misoomaa fi tumsa dippiloomaasiin hawaasa idil addunyaa waliin qindoominaanii fi walkabajuurratti bu’uureffachuun kan hojjettu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa ibse.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministeerri Dhimma Alaa hoggantoota waraanaa teessoo isaanii Finfinnee taasisataniif haala yeroorratti ibsa laateera.

Yeroo ammaa wal tumsuunii fi tokkummaan hawaasa idil addunyaa baayyee barbaachisaa ta’uu bakka bu’aan Itaamaajoor Shuumii Humna Waraanaa Waliigalaa fi Hogganaan Qajeelcha Olaanaa Qindeessaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Makaanaayizdii Leetenaal Jeeneraal Alamisheet Daggifee ibsaniiru.

Hundi humna waraanaa isaa waraanaaf kan qopheessu nageenya jibbuun osoo hin taane nageenya mirkaneessuuf ta’uu eeruun,kunis birmadummaa biyyaa fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf ta’uu himaniiru.

Nageenya, misoomaa fi walta’iinsa dhimma jalqabaa taasisuun hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Hawaasni idil addunyaa nageenyi mirkanaa’uu baannaan misoomni gaaffii keessa akka seenu hubachuu qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaan wal amantaarratti hundaa’uun hawaasa idil addunyaa waliin waltiinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektar Jenneraalli Paabilik Dippiloomaasii Ambaasaaddar Diinaa Muftiin gamasaaniin, mootummaan naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Miseensonni hawaasa dippiloomaasii muraasni odeeffannoo madaalawaa hin taane tamsaasuun hojii gaarii mootummaa cilee dibuun sirrii akka hin taane addeessaniiru.

Hawaasni idil addunyaa naannoo Tigraay dabalataan naannolee Amaaraa fi Affaariif deeggarsi namoomaa kan barbaachisu ta’uu hubachuu akka qaban yaadachiisuun, dhaabbileen idil addunyaas haala seera biyyattii bu’uureffachuun akka socho’an hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015