Sirni jalqabbii sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaa gaggeeffamaa jira

61

Finfinnee, Waxabajjii 14/2014 (TOI) – Sirni Jalqabbii sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaa Magaalaa Finfinnee Giddugala Biqiltuuwwanii Guullalleetti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad, Itti aanaa Ministira muummee fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministiroota, Kantiibaawwan Bulchiinsa Magaalotaa, Pireezdaantonni naannolee, Atileetonni fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaan akka biyyatti biqiltuuwwan biiliyoona ja’a ol dhaabuuf karoorfameera."Ashaaraa keenyaa dhaloota keenyaaf'' mata duree jedhuun kan geggeeffamu sagantaan ashaaraa magariisaa bara kana biqiltoota biliyoona 6 dhaabuuf karoorfameera.

Itoophiyaan bara 2011 irraa eegaltee waggoota 4 keessaatti biqiltoota biliyoona 20 dhaabuuf karoorfattee hojjechaa jirti.

Bara kana biltoonni biliyoona 6 ta'an yeroo dhaabaman karoora waggaa afurii kana ni mikeessiti jedhameera.

Waggootan darbanitti biqiltoota dhaabaman keessaa harki 80 qabachuun kan himame yoo ta'u bara kanas haala qilleessaa bakka dhaabbataniif biqiltoota mijataan dhaabuuf qophiin xumuramuu himameera.

Kanaafis bmukkeen bosonaa, mukkeen qonna qindaa'aaf oolaan,Kanneen nyaataa namaafi beelladaaf oolan dhaabuuf qophiin xumuramuun himaeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015