Itoophiyaan walitti dhufeenya gama dinagdeen biyyoota Afrikaa lixaa waliin qabdu caalaatti cimsuuf hojjechaa jirti.

106

Waxabajjii 10/2014(TOI) - Itoophiyaan walitti dhufeenya gama dinagdeen biyyoota Afrikaa lixaa waliin qabdu caalaatti cimsuuf akka hojjettu Minsiteera dhimma alaa FDRItti daarektarri biyyoota Afrikaa Lixaa Eliyaas Malaakuu himan.

Ji'oo polotikaa gaanfa Afrikaatti Itoophiyaan biyyoota dhiibbaa cimaa uuman keessaa ishee tokko yoo taatu, biyyoota qaxanichaa waliin misoomaafi dhimmoota biroo irratti qindoominaan hojjetaa jirti.

Kana bira darbees Itoophiyaan biyyoota Afrikaa biroo waliinis walitti dhufeenya dinagdeefi siyaasaa caalaatti cimsuun ardichaatti biyya dinagdee cimaa qabdu uumuuf qindoominaan hojjechaa jirti.

Minsteera Dhimma Alaatti daarektarri biyyoota Afrikaa Lixaa Eliyaas Malaakuu TOItti akka himanitti Itoophiyaan biyyoota Afrikaa lixaa waliin walitti dhufeenya qabdu caalaatti cimsuun walitti dhufeenya biyyoota aardichaa caalaatti cimsuu keessatti gahee ishee ni baati.

Imaalli ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad biyyoota Afrikaa lixaatti tibba darbe taasisaan kanaaf agarsiistuu ta'uu himaniiru.

Daawwannaa ministirri Muummee Naajeeriyaatti taasisan hordofee komishiiniin ministiroota biyyoota lamaanii torban darbe Finfinneetti walgahuun waliigaltee walitti hidhamnisaa dinagdee biyyoota lamaanii cimsu taasisuus yaadachiisaniiru.

Gara fuula duraattis haaluma walfakkatuun Senegaala, Ayverikoosit, Toogoofi biyyoota biroo waliin walitti hidhaminsa dinagdee uumuun aardii jabduu uumuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiya balaliin inni gara biyyoota Afrikaa Lixaatti taasisu guddaa ta'uu himanii, kun immoo walitti dhufeenya Itoophiyaan biyyoota kanneen waliin qabdu kan cimsudha jedhaniiru.

Hojiin walfakkatoon biroos cimanii kan itti fufan ta'uus himaniiru.

Komishiinii ministiroota biyyoota waliin ta'uun Dippilomaasii fayyadamummaa waloorratti hundaa'e uumuufis hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Itoophiyaan biyyoota qaxanaa gaanfa Afrikaa waliin qindoomina cimaa uumaa jiraachuu himuun, hojii kan gara biyyoota Afrikaa biroottis cimsitee itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti jedhan.Kunis aardicha gara boqonnaa haaraatti ceesisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015