IGAD fi Xaaliyaan dhimmoota qaxanaarratti xiyyeeffatan irratti waliin hojjechuuf walii galan.

83

Waxabajji, 06/2014(TOI) - IGAD fi Xaaliyaan hongee,nageenyaa dhimma qaxanaarraattifi godaansa seeraan alaa ittisuurratti qindoominaan waliin hojjechuuf waliigaluu barreessaan olaanaa IGAD doktar Warqinaa Gabaayyoo himan.

Doktar Warqinaa Gabayyoo ministira dhimma alaa Xaaliyaan Liwiijii Mayoo waliin mari'ataniiru.

Doktar Warqinaan yeroo kana akka dubbatanitti IGAD fi Xaaliyaan michuuwwan waggoota dheeraa ta'uu himuun,,dursituu foramii deeggartoota IGAD ta'uu ishees himaniiru.

Marii isaanii kanaanis IGAD fi Xaaliyaan dhimmoota qaxaanaa, hongee, nageenyaa qaxanaa deeggaruurratti fi gondaansa seeraan alaa ittisuurratti waliin hojjechuuf walii galuu himaniiru.

Gama biraan karaa mana barnootaa beelladaa IGAD karaa deeggaruun danda'amurratti mari'achauu barreessaan olaanaa IGAD doktar Warqinaa Gabayyoo karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015