Walitti dhufeenya waloo Xaaliyaanifi Itoophiyaa caalaatti cimsuuf ni hojjetama

66

Waxabajjii, 06/2014(TOI) -Walitti dhufeenya waloo Xaaliyaanifi Itoophiyaa caalaatti cimsuuf kan hojjetamu ta'uu ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaan beeksisaan.

Ministirri Muummee Itti aanaafi Ministirri Dhimma Alaa FDRI Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaan Liwiingii Dii Maayoo waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaaniirratti mari’atan.

Yeroo biyyaattiin rakko keessa turtetti ejennoo madaalawaa biyyisaanii qabatteef Itoophiyaan ni galateeffatti kan jedhan Obbo Dammaqaan, mariin dhimma waloorrati gaggeessanis bu'a qabeesa ta'uu himaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Liwiingii Dii Maayoo gamasaaniin, Xaaliyaan hojii Itoophiyaan nageenya buusuun guddina biyyaatiif hojjetu cinaa dhaabbachuun ni tumsiti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015